Kolleejjii Gloobaalii Amboo fi Ispoortii!
Dhaadannoo Ispoortii Keenya Yeroo Hundaa – Ispoortiin Hariiroo Hawaasummaa Jabeessa, Tokkummaa fi Jaalala Dagaagsa!
Kolleejjiin Gloobaalii Amboo, ispoortii sadarkaa guutuu qaamaa fi sammuu guddisuu irratti hirmaannaa cimaa fi deeggarsa cimaa taasisaa jiraachuun isaa beekamaadha. Kallattii mul’ata isaa kan bu’uura barnootaa qulqullina qabuu kennuu biratti gama Ispoortiitinis fayyaa qaamaa sadarkaa Bulchiinsa magaalaa, Godiinaa fi naannootti taphoota ispoortii irratti hirmaachuu fi deeggarsa taasisuun hirmaachaa jira.
Ganna kana, Bulchiinsa Magaalaa Ambootti, Tapha Kubbaa Miilaa “Ambo Summer Cup” jedhu yeroo jalqabaaf qophaa’uun eegaleera. Hoggantoonni Kolleejjii Gloobaalii Amboo sirna baniinsa taphichaa irratti argamuun hirmaannaa isaanii mirkaneessaniiru. Taphichi Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Ambootiin qophaa’ee, torban jahaaf kan turu yoo ta’u, kaayyoon isaa aadaa ispoortii deebi’ee dagaagsuu fi taphattoota ciccimoo dorgomaa Kubbaa Miilaa ta’an beeksisuun magaalicha, naannoo fi biyyattiif bakka bu’ummaa isaanii mirkaneessuudha.
Kolleejjiin Gloobaalii Amboo, yeroo darban keessa Ispoortii fi taphoota garaagaraa magaalaa Amboo, Godina Shawaa Lixaa fi sadarkaa Naannootti ta’anirratti deeggarsa maallaqaa fi meeshaalee ispoortii taasisuu fi qindoominaan hirmaachuun isaa ifaadha. Waan kanaan wal-qabatee, Tapha Amboo Summer Cup bara 2017 kana irratti Kolleejjichi hirmaannaa fi deeggarsi taasise, ciminaa fi kutannoo isaa guddaa kan agarsiisu ta’eera. Kunis dargaggoota cimsuu, ispoortii guddisuu fi hawaasa walitti fiduuf kutannoon isaa amansiisaa akka ta’e agarsiisa.
Kolleejjiin Gloobaalii Amboo, Ispoortiin jaalala, tokkummaa fi obbolummaa cimsee nageenyaa fi misooma barbaadamu dhugoomsuuf shoora olaanaa qaba jedhee waan amanuuf dargaggoonni keenya tokkummaa fi hariiroo obbolummaa isaanii cimanii ispoortiin walitti dhufeenya isaanii haa jabeessan jechuun dhaamsa keenya.
Global College Ambo and Sports!
Our Always Slogan for Sports- Sport Strengthens Social Bonds and Promotes Unity and Love! Global College, Ambo, remains committed to promoting holistic Sports development through active engagement in sports. In line with its vision of fostering academic excellence and physical wellness, the college has consistently participated in and sponsored various local and regional sports events. This summer, in the city administration of Ambo, the “Ambo Summer Cup” football tournament has officially begun and the management of Global College, Ambo participated on the opening ceremony of the game. This tournament is being held for the first time under the organization of the Youth and Sports Office of Ambo City Administration. The competition, which will last for six weeks, is aimed at reviving the culture of sports and identifying talented football players who can represent various football clubs in Ambo city, the region and the country at large. It is obvious that Global College, Ambo has been provided financial and material support for various sporting activities in and around Ambo town, West Shoa Zone and at Regional level. As its former commitment, Global College Ambo, engaged and sponsored the 2025 Ambo Summer Cup that underscores its dedication to youth development, sports, and social cohesion. The college remains committed to playing an active role in promoting healthy, empowered communities through such events. Global College believes that Sport plays a significant role not only in strengthening love, unity, and brotherhood, but also in realizing peace and the development we aspire to. Therefore, our youth should strengthen their unity and fraternal relations through sport.






