
Mulata (Vision)
Akka Biyyaati Akaadaamii Barnoota Fagoo sadarkaa olaanaa fi qooda guddaa qabu ta’uun, barattootaaf barnoota qulqullina qabu, qaqqaabamaa fi mijataa ta’e kennuudhaan jireenya isaanii fi hawaasa jijjiiruuf carraa uumuudha.
Ergama (Mission)
Ergamni keenya barnoota fagoo qalaqa haaraa, hirmaachisaa fi tekinooloojii irratti hundaa’e kan fedhii garaagaraa barattootaa keenyaa guutu, barnoota jireenya guutuu jajjabeessu fi guddina hawaasummaa fi diinagdee itti fufiinsa qabu keessatti gahee ol’aanaa taphatu kennuudha.
Qabxiiwwaan ijoo Xiyyeeffatama:
- Barnoota Qulqullina fi haala yeroo waliin deemuu;
- Barnoota tekinooloojiin Deeggarame;
- Hirmaachisummaa fi carraa wal-qixa argachuu;
- Guddina hawaasummaa fi diinagdee keessatti hirmaachuu;
Galma (Goal)
- Carraa Barnootaa Dabaluu
Barattootni bakkii isaan jiraatan, fageenyi, sadarkaan diinagdee fi hawaasummaa isaanii ykn miidhamni qaama osoo isaan hin daangeessiin akka barnoota argatan barnoota ummuufii.
- Qulqullina fi Fooyya’iinsa Jajjabeessuu
Barnoota sadarkaa ol’aanaa fi qulqullina qabu kan sadarkaa barnootaa biyyaa bu’uura godhate ykn ‘Kaariikuulamii waliin wal simu kennuudha.
- Barnoota Jireenya Guutuu Deggaruu
Sagantaalee mijataa fi garaagaraa kan itti fufiinsa qabu yeroo adda addaatti kennuudhaan guddina dhuunfaa fi hojii jajjabeessuu.
- Guddina Biyyaalessaa irratti Hirmaachuu
Sagantaalee barnootaa dandeettii fi beekumsa rakkoo hawaasummaa fi diinagdee furuuf barbaachisu waliin walsimu diriirsuu.
6. Tajaajila Barataa Gidduugaleessa Godhate Mirkanneessuu
Tajaajiloota barattootni akka barnoota isaanii addaan hin kunne, hirmaannaa ho’aa akka godhanii fi milkaa’inni isaanii dabalu mirkaneessan kennuudha.
4. Kaayyoo (Objectives)
- Sagantaalee barnootaa kan salphatti fayyadamu, hirmaachisaa fi meeshaalee garaagaraa irratti argamuu danda’an uumuu.
- Barsiisotaaf leenjii kennuudhaan dandeettii barnoota dijitaalaa fi mala barsiisuu irratti dandeettii isaanii cimsuu.
- Qulqullina barnootaa eegaa, galmee barattootaa waggaa waggaan %20’n ol dabalu.
- Bu’aa barnootaa fi ittiquufiinsa barattootaa madaaluuf sirna hordoffii fi madaallii cimaa ijaaruu.
- Qorannoo fi Kalaqa Barnoota Fageenyaa keessaatti mala baruu fi barsiisuu fooyyeessu Jajjabeessuu.
5. Sonaa (Values)
- Cimee-hojjechuu
- Hundumtuu akka carraa argatu mirkanneessuu
- Kalaqa Haaraa fayyadamu
- Dhugaa fi Amanamummaa
- Hirmaannaa fi waliin hojjechuu cimsuu
- Barataa gidduugaleessa godhachuu
Itti Fufiinsa Tajaajilaa