Waldaa Hojii Gamtaa Qusannoo fi Liqii Giloobaal

Baga Gammaddan! Baga Gammannee!

Kolleejjiin Giloobaal yeroo ammaa kana Waldaa Hojii Gamtaa Qusannoo fi Liqii Giloobaal hundeessuun hojii eegaleera. Waldichi tajaajila qusannoo fi liqii ammayyaa, saffisaa, amanamaa fi seeraan deeggarame hawaasaaf kennuuf hojii jalqabeera.

Mul’ata Waldichaa

Bara 2020tti hawaasa keessatti aadaa qusannoo dagaagsuun, madda faayinaansii cimaa fi salphaatti dhaqqabamu ta’ee jireenya miseensotaa jijjiiruu.

1. Kaayyoo Waldichaa

2. Aadaa qusannoo hawaasaa guddisuu

3. Madda faayinaansii cimaa uumuu

4. Galii fi invastimantii miseensotaa guddisuu

5. Tokkummaa fi hirmaachisummaa cimsuu

6. Duudhaalee fi Sonaalee Waldichaa

  • Amanamummaa /Honesty/
  • Iftoomina /Transparency/
  • Itti gaafatamummaa hawaasaa qabaachuu/Social responsibility/
  •  Diimokiraasii /Democracy/
  • Tokkummaa /Solidarity/
  • Ofiin of gargaaruu /Self help/

v Tajaajiloota Isin Argattan:

  • Qusannoo amanamaa fi bu’a qabeessa
  •  Liqii saffisaa fi dhala gadi aanaa
  •  Bu’aa (Dividend) fi Dhala (Interest) argachuu
  • Carraa misooma dhuunfaa fi waliigalaa

v Maalif Nu Filattu?

  • Amanamummaa fi iftoomina
  • Tajaajila saffisaa fi qulqullina qabu
  •  Nageenya maallaqaa fi bu’aa waliinii
  •  Hirmaannaa wal-qixxummaa irratti hundaa’e

Kottaa miseensa ta’aa, misooma waliin haa gonfannu!

📍 Teessoo: Magaalaa Amboo, Ganda Hora Ayeetuu, Hoteela Itoophiyaa fuuldura, Gamoo Gimbii Darbii 1ffaa

  • Odeeffannoo Dabalataaf:

Lakk.Bilb: +251-911- 12 – 79 – 16   / +2 – 11 / +251-983- 22- 59– 17

 Website: https://www.globalcollege.edu.et Telegram: https://t.me/Globalcollegeofficial

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *